sammubani.com
Hundee Iimaanaa 3ffaa- Kitaabbanitti Amanuu - Jireenya Badhaatu
Offline dubbisufDownload PDFPrintHundee iimaanaa keessaa sadaffaan kitaabban Rabbiin buusetti amanuudha. Akka lugaatti “Kitaaba” jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha. Akka shari’aatti immoo kitaaba jechuun Kalaama (Jecha) Rabbiin ilma namaatiif rahmataa fi qajeelcha akka ta’uuf Ergamtoota Isaa irratti buusedha. Sababa kitaaba Rabbiin irraa bu’e kanaan ilmaan namaa sa’aada (gammachuu) ganda lamaanii dhandhamu. Osoo Rabbiin kitaabban isaaniif buusu baate, silaa hundii isaanitu dukkana